Fana: At a Speed of Life!

Jilli obbo Abarraa Warquun durfamu Aanaa Bookee fi Daaroo Labuutti qamadii jallisiin misoomaa jiru daawwate

Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC) – Jilli Hogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa obbo Abarraa Warquun durfamu Godina Harargee Lixaa Aanaa Bookee fi Daaroo Labuutti lafa hektaara kuma1 olirratti qamadii jallisii Boneen misoomaa jiru daawwachuun jajjabeessera.

Qonnaan bultoonni aanaalee kaneenii qamadii jallisiin kilaasteraan misoomsaa jiraachuu ibsameera.

Godinichatti qamadii jallisiin misoomsuun bara darbe kan jalqabe ta’uu itti gaafatamaan Waajjiira Qonnaa Godina Harargee Lixaa obbo Huseen Mohammed ibsaniiru.

Bara kanas Aanaalee jallisiif haala mijaata qaban hundaa keessaatti qamadiin jallisii boneetiin misooma jiraachuu dubbataniiru.

Hojiin qamadii jallisiin misoomsuu laga Dhungataa irratti hojjatama jiru hojii fakkeenyummaa gaarii qabu ta’uu Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa obbo Abbarra Warquu himaniiru.

Akka Godina Harargee Lixaatti lafa hektaara kuma 8 fi 77 irratti qamadii jallisii boneen misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.