Fana: At a Speed of Life!

Jilli MM Abiy Ahimadiin durfamu hojiilee sagantaa Maaddii Guutuun Magaalaa Bishooftuutti hojjetame daawwate

Finfinnee, Eebla 13, 2015 (FBC) – Jilli Muummee Ministiraa. FDRI Abiy Ahimadiin durfamu hojiilee sagantaa Maaddii Guutuun Magaalaa Bishooftuutti hojjetame daawwateera.

Daawwannaa kanarratti Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo fi Sadarkaa Itti Aanaa pireezidaantiitti qindeessaan kilaastera Magaalaa Oromiyaa Obbo Masfin Malaakuu akkasumas, keessummoonni biroon argamaniiru.

Sagantaan Maaddii Guutuu akka biyyaatti labsamee hojiirra oolaa jiru wabii nyaataa kan mirkaneessu, namoota hedduuf carraa hojii kan uumu, bakka xiqqoo irratti oomisha garaagaraa oomishuun gabaaf akka dhiyaatu kan taasisuufi aadaa hojii jijjiiruu keessattillee qooda olaanaa kan qabu ta’uu eerameera.

Naannoon Oromiyaas magaalota Oromiyaa hedduu keessatti sagantaa kana hojiirra oolchuun wabii nyaataa mirkaneessuuf akkasumas oomishni ga’aan akka jiraatuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjetaa jiraachuu ibsameera.

Guyyaa har’aa kanas sagantaan kun akka Naannoo Oromiyaatti labsamuu hordofee hojiiwwan magaalaa Bishooftuu keessatti hojjetaman jiru jila kanaan daawwatamuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.