Fana: At a Speed of Life!

Jilli MM Abiy Ahimadiin durfamu Baalee Roobeetti daawwannaa hojii taasiisaa jira

Finfinnee, Caamsaa 25, 2014 (FBC) – Jilli Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin durfamu magaalaa Baalee Roobeetti daawwannaa hojii gaggeessaa jiraachuu ibsameera.
Preezdaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaa, naannolee, Muummeen Ministiraa FDRI duraanii obbo Hayilamaariyaam Dassaaleenyi, Ityoophiyaatti bakka bu’aan Baankii Addunyaa Usmaan Diyoon, Gamtaa Afrikaatti ergamaan addaa Gaanfa Afrikaa fi Preezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa Oliiseegoo Obaasaanjoon fi qaamoleen biroo daawwannaa hojiif gara Baalee Roobee imalaniiru jedhame.
Jilichi hojiilee misooma qonnaa Godina Baaleetti hojjetamaa jiru naanna’uun ni daawwataan kan eegamu ta’uu EBCn gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.