Fana: At a Speed of Life!

Jilli Ministira Raayyaa Ittisaan durfamu hojiilee Ramaddii Humna Qilleensaa 3ffaa daawwate

Finfinnee, Mudde 10, 2015 (FBC)- Jilli Ministira Ministeera Raayyaa Ittisaa Dooktar Abrahaam Balaayiin durfamuu hojiilee Ramaddii Humna Qilleensaa 3ffaa daawwateera.

Daawwanicharratti Ministira Ministeera Raayyaa Ittisaa Dooktar Abrahaam Balaay, Kantiibaa Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar fi Ajajaa Olaanaa Humna Qilleensaa Ityoophiyaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa hirmaataniiru.

Humni Qilleensaa Ityoophiyaa bara 2022’tti Afrikaa keessa addaa duree ta’uuf imalaa eegale galmaan ga’uuf hojiilee Ramaddiin Humna Qilleensaa 3ffaa hojjechaa jiru daawwatameera.

Ajajaa Olaanaan Ramaddichaa Leetenaal Koloneel Darajjee Bushiree, ramaddichi dirqama isaa ga’umsaan bahachuurra darbee manneen barnootaa balalii ramaddichaa jalatti argaman teeknoloojiiwwan haaraan tumsamuun balaliistota ga’oomsaa jiraachuu ibsaniiru.

Ramaddiin humna qilleensichaa hojiilee jijjiiramaa eegalaman itti fufsiisuu fi bakka hojii mijataa uumuuf jalqabbiiwwan jiran cimsee kan itti fufu ta’uu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.