Fana: At a Speed of Life!

Jilli Ministir Deetaa Ministeera dhimma biyya keessaa Jibuutii Siraaj Umariin durfamu Magaalaa Adaamaa gale

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2015 (FBC) – Jilli Ministir Deetaa Ministeera dhimma biyya keessaa Jibuutii Siraaj Umariin durfamu Magaalaa Adaamaa galeera.

Jilichi wayita magaalaa Adaamaa ga’u kantiibaa magaala Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee fi Itti gaafatamtoota manneen hojii mootummaan magaalichaan simannaan taasifameefira.

Obbo Hayiluun, Abootiin qabeenyaa Jibuutii giddu gala Indaastirii kan taate magaalaa Adaamaatti hojiilee Invastimantiirratti akka bobba’an waamicha dhiyeesaniiru.

Jilichi turtii isaa guyyaa 2ffaan Ityoophiyaatiin mooraa Buufata Baaburaa keessatti biqiltuu dhaabuun ashaaraa isaanii kaa’aniiru.

Bulchiinsi magaalaa Adaamaa jilichaaf uffata Aada Oromoo gumaacheera.

Addis Taammiraatiitu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.