Obbo Umar Huseen fooramii nyaataa fi qonnaa Barliin irratti hirmaatan
Finfinnee, Amajjii 13, 2012 (FBC) – Jilli Ministeera Qonna FDRI obbo Umar Huseeniin durfamu fooramii nyaataa fi qonnaa addunyaa 12ffaa Barliin irratti gaggeeffamerratti hirmaate.
Konfaransii kana irratti aanga’oonni siyyaasa biyyoota addunyaa kan hirmaatan yammuu ta’u, dhimmoota ijoo nyaataa fi qonnaa irratti mari’chuuf Barliinitti walga’aniiru.
Konfaransiin ministiroota qonnaa idil addunyaa kun mata duree, ‘Nyaata hundaaf, daldala tasgabbaa’aa fi nyaata itti fufiinsa qabuuf’ jedhuun gaggeeffameera.
Minsitirri Nyaataa fi Qonnaa Jarman Juuli’aa Lookneer ministeeroota qonnaa 71 fi bakka buutota dhaabbilee idil addunyaa 12 marii kana irratti hirmaachuuf Barliiniitti argamaniif haasawa baga nagaan dhuftanii taasiisaniiru.
Konfaransiin Barliin kun walga’ii guddaa ministiroota qonnaa addunyaa ta’uu fi dhimmoota ijoo irratti maricha’uuf sadarkaa idil addunyaatti fooramii qophaa’e ta’uun ibsaniiru.
Kaayyoon marii kanaa dhimmoota gurguddoo rakkoo daldalaan walqabatan ilaalchisee furmaata laachuuf akka ta’e ragaan Imbaasii Ityoophiyaa Barliinirraa argame ni agarsiisa.