Fana: At a Speed of Life!

Jilli Loltummaa Taanzaaniyaa koolleejjii Istaafii fi Ajajummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa daawwate

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2016 (FBC)- Jilli Loltummaa Ittigaafatamaa Leenjii fi Duula Loltummaa Taanzaaniyaa Meejar Jeneral Ibiraahiim Mikaa’elii fi Ajaajaa Humna Qilleensaa Biyyattii Meejar Jeneraal Shabaanii Baaraangaashiin durfamu Koolleejjii Istaafii fi Ajajummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa daawwateera.

Daawwanichaan, adeemsa baruu fi barsiisuu koolleejjichaa fi galmoota hojii waggoottan dhufanii irratti Ajaajaa Koolleejjichaa Birgaader Jeneraal Mulugeetaa Ambaachootiin ibsi bal’aan taasifameeraafi.

Birgaader Jeneraal Mulugeetaa Ambaachoon, koolleejjichi dameewwan barnootaa fi loltummaan Taanzaaniyaa waliin walta’iinsaan hojjechuu fi muuxannoo waljijjiiruuf hariiroo qabu sadarkaa caalutti ceesisuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Meejar Jeneral Ibiraahiim Mikaa’eel gama isaaniin, koolleejjichi yaaddoowwan naannawaa fi idil addunyaa jijijjiiramaa ta’an tooftaalee saayinsaawaan leenjii kennaa jiru dinqisiifataniiru.

Koolleejjichatti daawwannaa taasisaniitti gammaduus ibsanii, karoora tarsiimawaa qabaachuun hojiileen gaggeessu Afrikaanotaaf akka fakkeenyaatti kan eeramu ta’uu kaasan.

Fuuldurattis, kolleejjicha waliin walta’iinsaan hojjechuu cimsanii kan itti fufan ta’uu ibsanii, barattoota Taanzaaniyaa koolleejjichatti barachaa jiran jajjabeessuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.