Fana: At a Speed of Life!

Jilli Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eliin durfamu Imireetota Araba Gamtoomaniitti hojiilee poolisii daawwate

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2015 (FBC) – Jilli Komishinara Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eliin durfamu Imireetota Araba Gamtoomanii Abu Daabiitti hojiilee poolisii daawwachuu ibsame.

Jilichi wayita  buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Dubaay gahu Imireetota Araba Gamtoomaniitti Inispeektar Jeneraalli Ministeera Dhimma Keessaa fi Pireezidaantiin Dhaabbata Poolisii Idil Addunyaa Meejer Jeneraal Ahimad Naasir Al-Ra’iisiin simannaa taasisaniifiiru.

Jilichi Meejer Jeneraal Ahimad Naasir Al-Ra’iisii waliin haala dandeettii poolisii biyyoota lameenii cimsuun danda’amuufi Yuunivarsiitii Poolisii Ityoophiyaa waliin ta’uun Akkaadaamii Virchuwaalaa Intarpoolitti leenjiin ijaarsa dandeettii kennamuu danda’amurratti mari’achuu eerameera.

Kana malees haala yakkoota daangaa ce’an waliin ittisuufi to’achuun danda’amurratti mari’achuu ibsameera.

Dhimmicharrattis waloon hojjechuuf sanada waliigaltee kan waliif mallatteessan ta’uufi dhimmuma kanarratti Poolisii Federaalaa Ityoophiyaarraa gareen tokko yeroo dhiyootti gara Abuu Daabiitti akka ergamuuf waliigalteerra gahuu eerameera.

Meejer Jeneraal Ahimad Naasir Al-Ra’iisii, Poolisiin Federaalaa Ityoophiyaa shororkeessummaafi yakkoota daangaa ce’an ittisuuf dhaabbata Poolisi Idil Addunyaa Intarpool waliin hojii hojjechaa jiru dinqisiifataniiru.

Dandeettii teekinooloojii cimsuu poolisii Federaalaa Ityoophiyaa waliin eegalame daran cimsuufi walta’uunsaan hojjechuuf waadaa galuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Jeneraal Dammallaash Gabarmikaa’el gamasaaniin, Poolisiin Federaalaa ce’umsa teekinooloojii yakka dursee ittisuufi yakki raawwatamee yoo argame ga’umsaan qorachuun shakkamtoota seeratti dhiyeessuu dandeessisu taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Yaa’ii Gamtaa Ajajoota Poolisii Baha Afrikaa 24ffaa yeroo dhiyootti magaalaa Finfinneetti gaggeeffamurratti akka argamaniif kan affeeranyoo ta’u, Meejer Jeneraal Ahimad Naasir Al-Ra’iisiis affeerraa isaanii fudhachuun yaa’icharratti argamuuf waadaa seenuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.