Fana: At a Speed of Life!

Jilli Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaan durfamu Paarkii Indaastirii Maqalee dawwate

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2015 (FBC)-Jilli Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Zhi’oo Zhiyu’aaniin durfamu sochii Paarkii Indaastirii Maqalee daawwateera.

Jilichi Hoji Gaggeessaa Paarkii Indaastirii Maqalee Obbo Filimoon Tafarraa fi hoggantootaa hojii paarkichaa biroo waliinis mari’ateera.
Hojiilee Dhaabbanni Konistiraakshinii Chaayinaa (CCCC) paarkichaatti gaggeessaa jiru kan daawwatame yoo ta’u, hojiilee fuulduree paarkichaarratti mari’ataniiru.

Paarkiin Indaastirii Maqalee hojiitti seenaa jiraachuu hordofee abbootiin qabeenyaa Chaayinaa hojiilee invastimantii garaagaraarratti akka bobba’an waamicha dhiyeessuu ragaan Koorporeeshinii Paarkiiwwan Indastirii Ityoophiyaarra argame ni mu’isa.

Koorporeeshiniin Paarkiiwwan Indaastirii Ityoophiyaa, Paarkii Indaastirii Maqalee gara hojiitti deebisuuf garee hoggantootaan tumsame hundeessuun qophii barbaachisaa xumuruun eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.