Fana: At a Speed of Life!

Jilli Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Giitaa Paasiin durfamu Jigjigaa gale

Finfinnee, Bitootessa 15, 2013 (FBC) – Jilli Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Giitaa Paasiin durfamu naannoo Soomaalee magaalaa Jigjigaa galeera.

Jilichi wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Jigjigaa Garaad Wiilwaal ga’u, itti aanaa preezdaantii mootummaa naannoo Soomaalee obbo Musxafee Mahaammad dabalatee hoggantoota olaanoo naannichaan simannaan taasiifameefira.

Ambaasaaddar Giitaan turtii naannichatti taasiisaniin itti aanaa preezdaantii mootummaa naannoo Soomaalee obbo Musxafee Mahaammad waliin marii taasiisaniiru.

Dhaabbata Nyaata Addunyaatti Daayreektara Ityoophiyaa Isteevaan Weeree waliin ta’uun kuusaa midhaanii dhaabbitichaa Jigjigaatti argamu daawwataniiru.

Buqqaatoota buufata Qooloojjii keessa jiranis daawwataniiru.

Buqqaatoonni kunneen jireenya idilee isaaniitti akka deebi’aniif hojii deebisanii dhaabuu hojjetamu Ameerikaan kan deeggartu ta’uu Ambaasaaddar Giitaan ibsaniiru.

Dabalataan sodaa hongee naannicha muudateef deebii laachuuf mootumman Ameerikaa mootummaa naanichaa waliin ni hojjeta jechuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominiikeeshinii Mootummaa naannichaarraa argame ni agarsiisa..

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.