Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsaa fi tumsi baqattootaf taasifamu bifa hiikkaa qabuun ta’uu qaba- obbo Dammaqaa

Finfinnee, Muddee 7, 2012 (FBC) – Hawaasni addunyaa deeggarsaa fi tumsi baqattootaf taasisu diinagdee fi hawaasummaa baqattootaarratti bifa hiikkaa qabuun ta’uutu irra jiraata jedhan itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan.

Obbo Dammaqaan fooramii baqattoota idil addunyaa Jeeneevaa Swiizarlaanditti gaggeeffamuu eegalerratti argamuun haasaa taasisaniiru.

Haasaa isaanitiinis deeggarsi baqattootaf taasifamu jireenya baqattootaarratti bifa jijjiirraa uumuu danda’uun ta’uu qaba jedhan.

Ityoophiyaan akkaataa waliigaltee baqattoota addunyaatin tumsa taasisuu itti fuftis jedhaniiru itti aanaan muummee ministiraa.

Jilli Ityoophiyaa itti aanaa muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnaniin duurfamu fooramii baqattootaa kanarratti hirmaachuuf kaleessa Swiizarlaand galuun isaa ni yaadatama.

Dhaabbilee deeggarsa namoomaa idil addunyaa teessoo isaanii Jeeneevaa godhatan waliinis ni mari’atu jedhameet eegama.

Baqattoota heedduu simattee keessummeessaa waan jirtuuf Afrikaa bakka bu’uun kan filatamte Ityoophiyaa qofa jedheera Waajjirri Itti Aanaa Muummee Ministiraa.

Ityoophiyaan lammiilee biyyoota 29 dhufan, miiliyoona 1tti siqan simattee keessummeessaa jirti.

Obbo Dammaqaan kaleessa galgala daayreektar janaraala Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adihaanoom waliin mari’ataniiru.

Uwwisa fayyaa, eegumsa fayyaa duursaa, nyaata madaalawaa, dhiyeessii faarmaasiitiyuukaalirratti mari’ataniiru.

Dhaabbatichi Ityoophiyaa waliin hojjechuu kan itti fufu ta’uun ibsameera

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.