Fana: At a Speed of Life!

Jilli Ityoophiyaa Magaalaa Kaayiroo haaraa ijaaramaa jiru daawwate

Finfinnee, Adoolessa 20, 2015 (FBC) – Jilli Ityoophiyaa magaalotaa fi Dhaabbilee garaagaraarraa walitti babba’an Magaalaa Kaayiroo haaraa ijaaramaa jiru daawwateera.

Jilichi Kantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee dabalatee kantibaawwan magaalota Ityoophiyaa garaagaraa fi hoggantoota dhaabbilee kan of keessatti hammate ta’uu eerameera.

Kantibaan magaalaa Kaayiroo hojii magaaloota ammayyeessuu, ijaarsa bu’uuraalee misoomaa fi hojiilee magaaloota babal’isuu hojjetaman ilaalchisee jilichaaf ibsa laataniiru.

Uummanni Ityoophiyaa fi Ijipti aadaa fi seenaa walitti dhiyaatan qabaachuu isaan hubannoo daawwannicharraa argatan hojiitti kan hiikan ta’uu miseensonni jilichaa ibsaniiru.

Daawwannichi daawwannaa Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Adoolessa 6, 2015 Kaayirootti taasiisan hordofee ta’uu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.