Fana: At a Speed of Life!

Jilli Ityoophiyaa dura taa’aa Ya’aal Suleeytiin Gruup waliin mari’ate

Finfinnee, Muddee 6, 2012 (FBC) – Jilli Ityoophiyaa fooramii Doohaa 19ffaarratti hirmaate dura taa’aa Ya’aal Suleeytiin Gruup waliin mari’ate.

Jilichi dura taa’aa gruuppichaa Sheek Abdallaah Saaleem Al Suleeytiin waliin mari’ateera.

Saganticharrattis muummee ministiraa FDRI duraanii obbo Haaylamaariyaam Dassaalanyii fi haadhi warraa isaanii aadde Roomaan Tasfaayee, Doohaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Saamiyaa Zakkaariyaa fi diippiloomaatonni miisiyoonichaa, odu himaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Nabiyaat Geetaachawii fi kanneen biroo argamaniiru.

Dura taa’ichi Ityoophiyaanota Kwaataar jiraatan deeggaruu, guyyaa Ityoophiyaa waggaa waggaadhan kabajamu spoonsar gochuu isaanitiif gumaacha taasisaniif beekamtii fi waraqaan ragaa kennameefira.

Gruuppichi Ityoophiyaatti misooma qonnaatif lafa kan fudhate yammuu ta’u, yeroo dhiyoottis hojiitti kan bobba’u ta’uun eerameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.