Fana: At a Speed of Life!

Jilli Itiyoophiyaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan durfamu Koonfiraansii ‘UNESCO’ 42ffaarratti hirmaachaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2016 (FBC)- Gareen Jilaa Ministira Ministera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan durfamuu Koonfiraansii Dhaabbata Aadaa, Saayinsii fi Barnootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO) 42ffaarratti hirmaachaa jiraachuun ibsame.

Koonfiraansicharratti Itiyoophiyatti waggoottan lamaan darban dameewwan UNESCO’n hojiilee gaggeeffaman ilaalchisuun haasawaa imaammata biyyaalessaa akka taasisan eerameera.

Dabalataan, hoggantoota sadarkaa olaanoo, ministirotaa barnootaa fi qondaaltonni olaanoo mootummaa kan irratti hirmaatan waltajjiin dargaggootaa 13ffaan akka gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Akkasumas yaa’ii waliigalaa miseensota Konveensinii Hambaalee Idil Addunyaa koonfiraansichaan kan eegamu ta’uu ragaan Faransaayitti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Pirofeessar Birhaanuu Naggaan koonfiraansichaan cinaattis hoggantoota ‘UNESCO’ fi biyyoota garaagaraa waliin dhimmoota walta’iisaan hojjechuun danda’amurratti akka mari’atan eegama.

Waggaa lama lamaan bara Faranjootaa Onkololeessa 7-22 kan gaggeeffamu koonfiraansichi, barnootan, aadaan, saayinsii, kominikeeshiniin, odeeffannoo fi dhimmoota biroorratti aadaa nageenya ijaaruu, hiyyummaa hir’isuu fi misooma waaraa mirkaneessuuf biyyoota miseensotaaf haala mijataa uumuuf kan kaayyeeffate ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.