Fana: At a Speed of Life!

Jilli Itiyoophiyaa agarsiisa Rayyaa Ittisaa Idil Addunyaa Saa’ud Arabiyaarraatti hirmaate

Finfinnee, Amajjii 28, 2016 (FBC)- Jilli Ittaanaa Itaamaajoor Shumii Waliigalaalaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Jeneral Abaabawu Taaddasaan durfamuu Agarsiisa Idil Addunyaa Raayyaa Ittisaa Saa’ud Arabiyaarraatti hirmaateera.

Agarsiisicharratti Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni 105 kan hirmaataan ta’uun ibsameera.

Jilli Itiyoophiyaa, sadarkaa hidhannoowwan waraanaa idil addunyaa fi biyyootaarraa muuxannoo qooddachuun ibsameera.

Saa’ud Arabiyaan bara 2030’tti meeshaalee waraanaa %50 biyya keessatti omishuuf karoorri qabatte fi kana milkeessuuf tattaaffiin taasisaa jirtu agarsiisicharratti dhiyaachuun eerameera.

Jilli Jeneraal Ababawu Taaddaasaan durfamus turtii isaan mana barnootaa loltoota waraanaa, dhaabbilee oomisha uffanana loltummaa, giddugaloota qorannoo yuunivarsiitiiwwanii daawwateera.

Dhaabbileen kunneenis Itiyoophyaa waliin hojjechuuf fedhii qabaachuun eerameera.

Jilichi hirmaannaa agarsiisicharratti taasise xumuruun gara biyyatti deebi’uu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.