Jilli Invastimantii fi Beeksisaa Ityoophiyaa Turkitti kutaa bulchiinsa Adaanaa daawwate
Finfinnee, Caamsaa 22, 2014 (FBC)- Jilli Hoggantoota Koomishinii Invastimantii Ityoophiyaa of keessatti haammate Turkitti kutaa bulchiinsa Adaanaa daawwateera.
Jilichi kutaa bulchiinsichaatti zoonii qindaa’aa indaastirii Adaanaa Hachii Saabaanchii kan daawwate yoo ta’u, abbootiin qabeenyaa indaastiriiwwan oomishaa godinichaa Ityoophiyaatti hojiilee invastimantiirratti akka hirmaataniif waamicha dhiyeesaniiru.
Jilichi hoggantoota zoonii indaastirichaa waliin mari’achuu fi damee invastimantiin waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsameera.
Jilichi carraawwanii fi filannoowwan invastimantii Ityoophiyaarratti ibsa taasisuus ragaan Komishinicharraa argame ni mul’isa.
Dabalataan Komishinarri Komishinii Invastimantii Ityoophiyaa Lalisee Namee fi Turkitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Adam Mahaammad bulchaa bulchiinsa Adaanaa fi Diinii Yuunvarsiitii Chuukooroovaa waliin mari’achuu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.