Fana: At a Speed of Life!

Jilli Injiinar Ayishaan durfamu Kooriyaa Kibbaatti Hidha Siyoongi Aappi daawwate

Finfinnee, Sadaasa 10, 2016 (FBC)- Gareen jilaa Ministira ministeera Jallisii fi naannawaa Gammoojjii Injiinar Ayishaa Mahaammadiin durfamu Kooriyaa Bulchiinsa Jeejiitti Waajjira Olaanaa Riijinii Koorporeeshinii Hawaasa Baadiyyaa daawwateera.

Daayrektarri Waajjira Olaanaa Riijinii Koorporeeshinii Hawaasa Baadiyyaa Kooriyaa Doongi Chi’oolii fi qondaaltonni biroon garee jilichaa kan simataniiru.

Akkasumas Hidhaa Siyoongi Aappi daawwatan.

Hidhi Siyoongi Aappi baasii ‘Waanii’ Kooriyaa biiliyoona 62.25’n kan ijaarame yoo ta’u, bishaan meetir kiyuubii miiliyoona 1.25 qabachuun kan danda’u fi lafa hektaaraa 400 misoomsuu kan danda’uu ta’uun eerameera.

Gareen jilichaas simannaa taasifameef akkasumas waa’ee hidhichaarratti ibsa kennameef galateeffatanii, daawwannaa taasisaniin muuxannoo qooddachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.