Fana: At a Speed of Life!

Jilli hoggantoota olaanoo Gambeellaa hoggantoota olaanoo Sudaan Kibbaa naannawaa daangaa Gaambeellaa jiran waliin mari’ate

Finfinnee, Guraandhala 25, 2015(FBC)- Jilli hoggantoota olaanoo Gambeellaa hoggantoota olaanoo Sudaan Kibbaa naannawaa daangaa Gaambeellaa jiran waliin Sudaan Kibbaa magaalaa Juubaatti mari’achuu ibsame.

Mariisaaniin sochiilee nageenyaa bulchiinsota naannoo Gambeellaafi Sudaan Kibbaatti argaman jechuunis: bulchiinsa Gireet Tiibooriifi naannawaa isaa, Joongilaayfi Appar Naayil mirkaneessuuf hojiilee waloon hojjetan haala cimsuu danda’anirratti mari’achuu eerameera.

Ittaanaan Pireezidaantii naannoo Kibbaa Teenkuweey Jook, nageenya naannawaa daangaa Gaambeellaafi Sudaan Kibbaa cimsuuf waliigaluu ibsaniiru.

Waljijjiirraa odeeffannoo guddisuuniifi fooyyessuun nageenya naannawaa daangaa waliin ni eegna jechuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.