Fana: At a Speed of Life!

Jilli hoggantoota godinaalee 6 hojiilee misoomaa Shawaa Bahaa daawwate

Finfinnee, Amajjii 3, 2016 (FBC)- Jilli itti gaafatamtootaa Godinalee Oromiyaa 6 irraa waliitti babba’e hojiiwwan misoomaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumee daawwwateera.

Jillichi hojiilee misooma qamadii Bonee, ijaarsa kellaa fayyaa, misooma avookadoo, horsisa loonii fi kanneen biroo daawwateera.

Jilli Bulchaa Godina Qellam Wallaggaa Obbo Gammachuu Baqqalaan durfamuu hojiiwwan misoomaa Godina Shawaa Bahaa aanaalee 10 daawwachaa turun yaadachiisan.

Haaluma kanaan hojiilee misoomaa godinichatti raawwataman daawwachuun, adeemsa bulchiinsaa jiru sadarkaa naannootti tokkomsuuf hojii deeggarsaa fi hordoffii kan kaayyeffate ta’uu ibsan.

Hoggantoonni godinaalee sadarkaan jiran ilaalcha tokko akka qabataniif hojii deeggarsaa fi hordoffiii taasisuudha jedhan Obbo Gammachuu Baqqalaan.

Gama biraatiin, muuxannoowwan hojiilee misoomaa gaggaarii jiran qooddachuun hanqinoota jiran furuuf gargaara jedhu.

Daawwannan taasifames hojiilee hojjetamanii fi gabaasaa walsimsiisuuf kan gargaaru ta’uun hirmaattonni daaawwannichaa himaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.