Fana: At a Speed of Life!

Jilli garee obbo Gadduun durfamu gara Ameerikaa imale

Finfinnee, Amajjii 18, 2012 (FBC) –Jilli garee Ministira dhimmaa alaa FDRI obbo Gadduu Andaargaachaw durfamu gara Ameerikaa imale.

Jilichi bu’uuruma waliigaltee kanaan dura  haala guutinsa fi qabiinsa bishaanii hidha haaromsa guddichaarra ga’aniin Sudaanii fi Gibts waliin mari’achuuf gara Ameerikaatti kan imalan.

Garicha keessa Ministirri Bishaanii, Jalliisii fi Iinaarjii FDRI Doktar Silashii Baqqalaa dabalatee ogeessota ijarsa bishaanii olaanoo fi ogeessoonni seeraa jiraachuu ministeerri dhimma alaa beeksiseera.

Jilichi bara Franjoota 28 fi 29, 2020  ministira Maallaqaa Ameerikaa fi prezedaantii Baankii Addunyaan bakka hirmaatanitii haala guutunsa fi qabiinsa bishaanii hidha haaromsa guddichaa waliin walqabatee mariin uggura seeraa kaa’uu dandeessisu akka gaggeeffamu ni eegama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.