Fana: At a Speed of Life!

Jilli garee obbo Ahimad Shiideen durfamu daawwannaa hojii Chaayinaa taasise

Finfinnee, Muddee 19, 2012 (FBC) – Jilli garee obbo Ahimad Shiideen durfamu daawwannaa hojii Chaayinaa taasise

Jilli garee Ministiri Ministira Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen durfamu Muddee 13 eegalee guyyaa afuuriif daawwannaa hojii Chaayinaa taasiseeera.

Jilichi turtii isaan Baankii Daldala fi Induustirii Chaayinaa (ICBC), Koorporeeshinii Daldala Alaa fi Wabii Liqii Chaayinaa (SINOSURE), Komishinii Misooma Biyyaalessaa fi Riifoormii Chayinaa (NDRC), Ministeera Daldala Chaayinaa (MOFCOM), Baankii Baasii fi Galii Chaayinaa (EXIM Bank), Baankii Misooma Chaayinaa (CDB) fi hoggantoota mootummaa olaanoo Fandii Misooma Afrikaa- Chaayinaa waliin wal arguun dhimmoota misooma biyyoota lameenii irratti mari’taniiru.

Jilichi jijjiirama diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa Ityoophiyaatti muldhachaa jiru hoggantoota dhaabbilee fi aanga’oota Chaayinaa kan hubachiise yoo ta’u mootummaa Chaayinaas jijjiirama kana akka deeggaru gaafataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.