Fana: At a Speed of Life!

Jilli Garee Kubbaa Miilaa Baarseloonaa Garee Machaal daawwate

Finfinnee, Adoolessa 22, 2016 (FBC)- Jilli Ogeeyyii Ispoortii Garee Kubbaa Miilaa Baarseloonaa Garee Ispoortii Machaal daawwateera.
Daawwanicharratti waa’ee hundeeffamaa Machaal, sadarkaa amma irratti argamu fi karoora fuuldureerratti ibsi kennameeraafi.

Miseensota garee Baarseloonaa waliinis damee ispoortiiwwan garaagaraarratti walta’iinsaan hojjechuuf fedhii qabaachuu eeruu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Dabalataan, Baarseloonaarraa leenjistoonni dhufuun Machaal waliin muuxannoo akka waljijjiiran kan hojjetamu ta’uu ibsameera.

Jilichi deeggarsa uffannaa addaa fi kubbaa yoo taasisu fuuldurattis tumsa uffannaa ispoortii fi meeshaalee akka taasisu mirkaneesseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.