Fana: At a Speed of Life!

Jilli Gamtaa Emereetota Arabaa lammiilee bala sigiga lafaan miidhaman jajjabeesse

Finfinnee, Adoolessa 21, 2016 (FBC)- Jilli Gamtaa Emereetota Arabaa Godina Goofaa Aanaa Gazzee Goofaatti lammiilee balaa sigiga lafaan miidhamaniif deeggarsa namoomaa toonii 85 taasisuun jajjabeesse.

Pireezidaantii Gamtaa Emereetota Arabaa Sheek Mahaammad Biin Zayiid irra kan ergame jilichi naannawaa balichi mudatetti argamuun lammiilee miidhaman jajjeesseera.

Tattaffii lammiilee miidhaman jajjabeessuuf taasifamu keessatti Gamtaan Emereetota Arabaa mootummaa Itiyoophiyaa cinaa akka dhaabbatu miseensonni garee jilichaa ibsaniiru.

Deeggarsi namoomaa mootummaan biyyatti taasise marsaan jalqabaa toonii 85 yoo ta’u, kunis itti fufiinsa akka qabu eeraniiru.

Deeggarsichis nyaata daa’immanii fi meeshaalee tajaajila biroof oolan ta’uun ibsameera.

Deeggarsicha kan fuudhan Hogganaan Biiroo Bishaanii Fi Inarjii Naannichaa Injiinar Akiliiluu Adaanyi, mootummaan haala itti fufiinsa qabuun rakkoo mudate furuuf hojjechaa jiraachuu himuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.