Fana: At a Speed of Life!

Jilli Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan durfamu daawwannaa hojiif Juubaa gale

Finfinnee, Bitootessa 11, 2016 (FBC)- Jilli Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan durfamu daawwannaa hojiif Sudaan Kibbaa Juubaa galeera.

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan afeerraa Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Sudaan Kibbaa fi Hoggantoota waraanaa biyyattiin taasifameefiin daawwannaa hojii guyyoota 2’f Sudaan Kibba Juuba galuun ibsameera.

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan wayita Buufata Xiyyaaraa Juubaa gahanitti Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Raayyaa Ittisa Sudaan Kibbaa fi Hoggaantoota waraanaa biyyaattiin simannaan taasifameefira.

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan qondaaltota Raayyaa Ittisaa Sudaan Kibbaa waliin dhimmoota waloo biyyoota lameenirratti mari’ataniiru.

Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa hariiroo waggoottan dheeraa fi Ollummaa gaarii qabaachuun, naannawaa biyyoonni lameen waldaangessanitti nageenyi waaraan akka jiraatuuf waloon hojjechuuf mari’achuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.