Fana: At a Speed of Life!

Jilli Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan durfamu sochii fi qophummaa Qajeelcha Loojistiiksii Raayyaa Ittisaa daawwate

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2016 (FBC) – Jilli Itaamaajoorii Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan durfamu sochii fi qophummaa waajjira Olaanaa Qajeelcha Loojiistiksii magaalaa Bishooftuutti argamu daawwateera.

Jilli kun Hoggantootaa Ministeera Raayyaa Ittisaa fi qondaaltoota waraanaa kan of keessatti hamate ta’uu ibsameera.

Hojiilee bu’aa qabeessa qajeelchichi hojjetaa jiru daawwateera.

Raayyaan Ittisa Biyyaa meeshaalee waraanaa birmadummaa biyyaa eegsisuu irratti miidhamuun hojiin ala ta’an deebisee suphuun hojiitti galchaa jiras jedhame.

Jilichi ogeeyyii Waajjira Olaanaa Qajeelcha Loojistiksii Raayyaa Ittisaa hojii jajjabeessaa hojjetaniif beekkamtii fi badhaasa kennuu eerameera.

Guyyaan Raayyaa Ittisaa 116ffaan Onkololeessa 15, 2016 sagantaalee garaagaraan kan kabajamu ta’a jedhame.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.