Jilli Dooktar Tolaa Bariisoon durfamuu godina Harargee bahaatti proojektiiwwan garagaraa daawwate
Finfinnee, Eebila 12, 2013 (FBC)- Jilli Hoogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon durfamuu godina Harargee bahaatti proojektiiwwan barnootaa garagaraa daawwateera.
Jilichi daawwannaa isaatin manneen barnootaa bultii addaa 7 fi Ifa Boruu 100 ijaaramaa jiran kanneen ijaarsiisaanii xumuramaan 4 daawwateera
Kanneen hafaan ammoo yeroo karoorfameetti xumuramuun akka danda’amu mirkaneessaniiru.
Manneen barnootaa bultii addaa fi Ifa Boruu Oromiyaa keessaatti ijaaramaa jiran yeroo karoorfametti xumuruuf hojjetamaa jira jedhameera.
Akka gabaasa OBNtti manneen barnootaa muraasni ijaarsi isaanii sababa garagaraatiin lafarra harkifatanis xumuramanii bara barnootaa 2014tti hojii baruu fi barsiisuu ni eegaluu jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.