Jilli Dooktar Kaasaahuun Goofeen durfamu dhaabbilee deeggartoota misoomaa waliin mari’ate
Finfinnee, Bitootessa 11, 2017 (FMC) – Jilli Ministira Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahuun Goofeen durfamu dhaabbilee deeggartoota misoomaa waliin mari’ateera.
Marii Garee Hojii 5ffaa kaleessa gaggeessinetti aansee, dhimmoota Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta’uuf hojjettu keessatti deeggarsa nu barbaachisurratti michoota misoomaa waliin marii bu’a qabeessa taasisaa jirra jedhan Dooktar Kaasaahuun ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.
Waltajjicharratti Baankii Addunyaa fi Gamtaa Awurooppaa dabalatee Indiyaa, Chaayinaa, Fandii Invastimantii Awurooppaa fi Giddugala Daldala Idil-addunyaa deeggarsa faayinsaansii fi teeknikaa barbaachisu akka taasisan nuuf mirkaneessaniiru jedhan.
Waltajjichi kan itti fufu ta’uus himaniiru.
#Oromia #Ethiopia