Jilli Dooktar Injiinar Silashiidhan duurfamu waliigaltee Hidha Haaromsaa gamaaggamuu eegaleera
Finfinnee, Gurraandhala 3, 2012 (FBC) – Jilli Ityoophiyaa ministira Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaatin duurfamu Ameerikaa Waashiingitanitti bu’aa marii Hidha Haaromsaarratti Gibtsii fi Sudaan waliin taasifame gamaaggamuu eegaleera.
Walii galtee Hidha Haaromsaa torbee guutuu jila Sudaanii fi Gibts waliin taasisaa turame irratti gamaaggamni eegalameera.
Sanada waliigaltee qopheessuurra ga’uun kan hin danda’amne ta’uu ilaalera.
Ityoophiyaan fayyadamummaa haqa qabeessummaa qabutti amantus mirga laga Abbayyaatti fayyadamuu qabdu darbarsitee kennuuf waliigaltee kamiyyuu kan hin raawwanne ta’uun ibsameera.
Dhimmoonni irratti walii hin galamne ammas hedduun kan jiran yoo ta’u, mariin ittuma fufa jedhameera.
Ityoophiyaan faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuuf cimtee kan hojjettu ta’uun ibsameera.
Bakka bu’oota ministira Maallaqaa Ameerikaa fi Baankii Addunyaa waliin guyyaa booru kan mari’atan ta’uu Dooktar Injiinar Silashiin ibsaniiru.