Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Girmaan durfamu naannoo Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaatti hojiilee misoomaa daawwate

Finfinnee, Bitootessa 29, 2015 (FBC) – Jilli Ministira Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamu naannoo Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaatti hojiilee misooma Qonnaa daawwateera.

Dooktar Girmaa fi Itti aanaa Pireezidaantii naannichaa Dooktar Injinar Nagaash Wageeshoo dabalatee hoggantoonni olaanoo naannichaa biroo argamaniiru.

Jilichi misooma Qamadii Jallisii Bonee, hojiilee maaddii guutuu akkasumas, hojiilee misooma Bunaa fi mi’eessituuwwanii daawwateera.

Gaaffileen dhiyeessii sanyii filatamaa Qonnaan bultootaa saffisaan deebii argachuu akka qaban Dooktar Girmaan ibsaniiru.
Fireew Alamaayyahutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.