Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Girmaa Amanteen durfamu warshaa ujummoo Oromiyaa Magaalaa Finfinneetti argamu daawwate

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2014 (FBC)-Jilli Sadarkaa Preezdaantii itti aanaatti Qindeessaa kilaastara Horataalee Mootummaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamu warshaan ujummoo Oromiyaa Magaalaa Finfinneetti argamu daawwateera.

Warshichi maashina haaraa galfachuun gosa ujummoo HDP oomishuu eegaleera.

Hojii gaggeessaan warshaa ujummoo Pilaastikaa Oromiyaa obbo Dhugumaa Irreessoo akka ibsanitti warshichi ujummoowwan garaagaraa tajaajila bishaanii, jallisii fi dhabamsiisa balfaaf oolan omishuun dhiheessa.

Warshichi gosa ujummoo UPVC waggaatti toonii kuma 5 fi ujummoo gosa HDP toonii kuma 6 oomishuu humna qabu akka ta’e himaniiru.

Warshichi hanqina dhiyeessii meeshaa dheedhiirraan kan ka’e humna guutuun hojjechaa akka hin jirrees obbo Dhugumaan himaniru.

Kaappitaala Birrii miiliyoona 77’n kan hundaa’e warshaan kun yeroo ammaa kana kaappitaalli isaa miiliyoona 100 fi miiliyoona 57 irra gaheera.

Dooktar Girmaa Amantee, misoomni bishaanii furtuu misoomaa ta’uu isaatiin mootummaan misooma bishaaniirratti xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru eeruun, misooma kana milkeessuuf galteewwan isaaf barbaachisan oomishuutiin warshaan kun gahee olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Akka gabaasa OBNtti hanqina dhiyeessii warshicha muudate furuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan kan hojjetamu ta’uu Dooktar Girmaan dubbataniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.