Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Girmaa Amanteen durfamu oyruu Abukaadoo qonnan bultoota Aanaa Mana Sibuu daawwate

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2013 (FBC)- Jilli sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti qindeessaa Kilaastera misooma baadiyaa Oromiyaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamu oyruu Abukaadoo qonnan bultoota adda duree godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Mana Sibuu daawwateera.

Bara kana aanichatti biqiltuwwan abukaadoo gosa gargaraa lafa heektara 55 irra dhaabuuf qophiin bollaa biqiltu qopheessu hojjetamaa jiraachuu eerrameera.

Akka godinichatti, biqiltuwwan abukaadoo aanoolee godina Wallagga lixaa 14 keessaatti dhaabuuf qophiin xumuramee hojjetama jira.

Bara darbee aanolee godina Wallagga Lixaa 5 keessatti biqiltu Abukaadoo kumni 14 ol  dhaabbateera.

Xiyyeffannoo mootummaan damee  qonnaaf  kenne hojjetaaa  jirun qonnan bultonni adda duree hedduu naannoo Oromiyaa keessaa akka baayatan ta’uu Dooktar Girmaa Amanteen himaniiru.

Bara kana akka naannoo Oromiyaatti hojiiwwan xiyyeeffannoo kuduraa fi muduraa irratti taasifameen  biqila abukaadoo miiliyoonaa 1.8 dhaabbachuus himaniiru.

Qonnaan bultoota adda duree garaa invastimentii cee’anifis mootummaan deeggarsa  ogummaa kennun alaa, haalli isaan liqii itti argachu danda’anis mijachaa jiraachuu himaniiru.

Gammachuu Beekumatu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.