Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Girmaa Amanteen durfamu godina Wallagga Bahaatti Ashaaraa Magariisaa eegalchiise

Finfinnee, Caamsaa 24, 2013 (FBC)- Jilli sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti qindeessaa Kilaaster misooma baadiyaa Oromiyaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamu godina Wallagga Bahaa aanaa Diggaatti Ashaaraa Magariisaa eegalchiisaniiru.

Godinichatti biqiltuun miiliyoonni dhibbi  2 fi miiliyoonni 81 dhaabbiif qophaa’uu ibsameera.

Dhaabbii biqiltuu bara kanaaf hanga ammaatti boolli miiliyoona 100 ol  qophaa’eera jedhame.

Dooktar Girmaa Amanteen biqiltuu dhaabuun kunuunsa naannoof bu’aa guddaa qabaachuurra darbee Hidhi Haaromsaa Guddichi biyyoon akka hin guutamneef ga’ee guddaa qaba jechuusaanii OBN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.