Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Girmaa Amanteen durfamu Aanaa Fantaalleetti qamadii jallisiin misoomaa jiru daawwate

Finfinnee, Amajjii 27, 2013 (FBC) – Jilli Sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti Hogganaa kilaastera Misooma baadiyyaa Oromiyaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamu aanaa Fantaalleetti qamadii jallisiin misoomaa jiru daawwateera.
Godina Shawaa Bahaa aanaa Fantaallee ganda Saaraa Weebatti qamadii jallisiin Lafa hektaara 104 irratti misoomaa jiraachuu.
Jilli Dooktar Girmaan durfamus qamadii jallisii kilaasteeraan misoome kana daawwateera.
Godina Shawaa Bahaatti Qamadii Jallisiin lafa hektaara kuma 9 fi 500 irratti misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu himameera.
Oduma Walfakkaatuun Jilli sadarkaa Ministiraatti hogganaa Akkaadaamii Hoggansa Federaalaa obbo Awwaluu Abdiin durfamu Godina Shawaa Lixaa aanaa Tokkee -Kuttaayee fi Ilfaatti Qamadii Jallisiin misoomaa jiru daawwateera.
Godinichatti jallisii marsaa duraan lafa hektaara kuma 12 fi 700 irratti qamadiin misoomuu ibsameera.
Jilli obbo Awwaluun darfamus hojiin qamadii jallisiin misoomsuuf hojjetamaa jiru jajjabeessaa ta’uu hubachuu isaa ragaan Biiroo Qonnaa fi Qeenya Uumamaa Oromiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.