Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Girma Amanteen durfamu Naannoo Kibbaatti misooma qamaadii bonee daawwate

Finfinnee Guraandhala 18, 2015 (FBC)-Jilli Ministira Ministeera Qonnaa Dooktar Girma Amanteen durfamu Naannoo Kibbaa Godina Silxeetti Aanaa Silxeetti misooma qamadii bonee dawwateera.

Dawwanichaarraatti SadarkaaIttaanaa Pireezidaanitti Qindeessaa Misooma Baadiyyaa, Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannichaa fi qondaaltonnii naannoo biroon argamaniiru.

Naannoo Kibbaatti barana lafa hektaara kuma 13 fi 400 ol irraatti qamadii bonee misoomaa jiraachuurra, oomishni kuntaalli kuma 748 akka eegamu ibsameera.

Qamadiin bonee Godinaa Silxee Aanaa Silxeetti misoomaa jiru irraa jireessaan dargaggoota godaansarraa deebi’aniin kan misoomaa jiru ta’uun himameera.

Naannichatti misoomni jallisii qamadii dargaggoota kuma 4 oliif carraa hojii uumuu ragaan Biiroo Qonnaa naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.