Fana: At a Speed of Life!

Jilli dhimmoota nageenya keessoo Sudaan Kibbaa Ityoophiyaatti Ejansii nageenya Infoormeeshinii daawwate

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2013 (FBC) – Jilli daayreektara olaanaa dhimmoota nageenya keessoo Sudaan Kibbaa jeneraal Alkool Kuuriin durfamu hoggantoota Ejansii Nageenya Infoormeeshinii waliin mari’ateera.
Haala dhimmoota Nageenya Infoormeeshiniirratti waliin hojjechuun danda’amurratti marii taasiisaniiru.
Sudaan birbadummaa ishee akka goonfattu Ityoophiyaan shoora olaanaa taphachuu daayreektarri olaanaa dhimmoota nageenya keessoo Sudaan Kibbaa jeneraal Alkool Kuuriin ibsaniiru.
Ammas dhaabbileen tika nageenyaa Sudaan Kibbaa akka ciman taasiisuuf Ityoophiyaan shoora olaanaa qabaachuu eeraniiru.
Daayreektarri olaanaan Ejansii Nageenya Infoormeeshinii Dooktar Shumatee Gizaw gama isaaniin, dhaabbilee Tika nageenyaa Sudaan Kibbaa cimsuuf ijaarsa dandeettii humna namaa, misooma Teeknooloojii fi sirna hojmaataa diriirsuurratti qindoominaan hojjechuuf marii taasiisuu isaanii ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.