Fana: At a Speed of Life!

Jilli Bizinasii Saa’ud Arabiyaa miseensota 79 qabu Itiyoophiyaatti daawwannaa taasisuufi-MDhA

Finfinnee, Caamsaa 27, 2016 (FBC)- Jilli Pireezidaantii Federeeshinii Mana Maree Daldalaa Saa’ud Arabiyaa fi Garee Daldalaa fi Invastimanti Saa’ud Arabiyaa miseensota 79 qabu Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii taasisuuf ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyyuu Tadlaan ibsa kennaniin, daawwannichi walitti hidhamiinsa diinagdee biyyoota lameenii cimsuuf kan kayyeeffate ta’uu ibsaniiru.

Jilichi har’a galgala Finfinnee kan galu ta’uu eeruun, turtii guyyoota sadiif Finfinneetti taasisuun bakkeewwan omishaaf tarsiimawoo ta’an kan daawwatu ta’uu himaniiru.

Jilichi Itiyoophiyaatti dameewwan misooma qonna, albuuda, tuuriizimii, aanniisa maddisiisuu, geejjibaa fi loojistiksiin akkasumas dameewwan guguddoo dinagdeerratti hirmaachuuf fedhii qabaachu Ambaasaaddar Naabiyyuun ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa Argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.