Fana: At a Speed of Life!

Jilli Atleetiksii Ityoophiyaa umrii waggaa 20 gadii galgala kana Finfinnee ni gala

Finfinnee, Hagayya 6, 2014 (FBC) – Jilli Atleetiksii Ityoophiyaa Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa umrii waggaa 20 gadii injifannoon golobe galgala kana Finfinnee ni gala jedhame.
Jilichi Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa 19ffaa umrii waggaa 20 gadii Kolombiyaatti gaggeeffamaa tureen Meedaaliyaa Warqwee 6, Meetii 5 fi Nahaasi 1 argachuun addunyaarraa sadarkaa 3ffaan xumuruun kan yaadatamuudha.
Jilli Atleetiksii umrii waggaa 20 gadii kun har’a galgala sa’aatii 1:00 irratti Buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Boolee naga’a jedhameera.
Hoggantoota mootummaa olaanoo, keessummoota waamicha taasiifamee fi maatii Atleetiksiin simannaa hoo’aan kan taasiifamuuf ta’uu eerameera.
Guyyaa boruu ganama sa’aatii 1:30 irraa eegalee Hoteela Iskaay Laayitii eegalee simannaan gootaa ni taasiifamaaf jedhameera.
Sirni Badhaasaa fi Beekkamtiis jilichaaf kan taasiifamu ta’uuS ragaan Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.