Fana: At a Speed of Life!

Jilli Atleetiksii Ityoophiyaa galgala kana Finfinnee ni gala

Finfinnee, Adoolessa 20, 2014 (FBC) – Jilli Atleetiksii Ityoophiyaa Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaarratti 18ffaarratti hirmaachuun injifannoon golobe galgala kana Finfinnee ni gala jedhame.
Jilichaaf simannaan gootaa kan taasiifamuuf ta’uu Humni Waloo Nageenyaa fi Tikaa ibseera.
Sababa sagantaa simannichaaf daandiiwwan tajaajila Tiraafikaaf cufaa ta’an jiraachuu hubachuun hawaasni tumsa barbaachisu akka taasiisu waamicha dhiyeesseera.
Haaluma kanaan :-Daandiin Hoteela Iskaayi Laayitii Boolee, Addabaabayii Masqalaa, Mana Amantaa Isxifaanoosii, Hoteela Hiiltaan, Paarlaamaa, Kiiloo 4, Riqicha Raas Makonniin, Birbirsa Gooroo, Daandii Baaroo Kormaa (Charchar), Laga Harree fi Masaraa Mootummaa ganama sa’aatii 1: 00 irraa eegalee tajaajila tiraafikaaf cufaa ta’uu ibsameera.
Iddoolee kanneenitti konkolaataa dhaabuunis kan hin danda’amne ta’uu hubachiiseera.
Jilli Atleetiksii Ityoophiyaa Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa 18ffaarratti Atleetoota biyyoota 200 irraa walitti dhufan waliin falmachuun Meedaaliyaawwan Warqee 4, Meetii 4 fi Nahaasii 2 walitti qabachuun sadarkaa 2ffaan xumuruun kan yaadatamuudha.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.