Fana: At a Speed of Life!

Jilli anga’oota olaanoo mootummaa Ityoophiyaa Walga’ii Piroojektii “Laapseet” irratti hirmaachuuf Juubaa gale

Finfinnee, Caamsaa 9, 2015(FBC)- Jilli anga’oota olaanoo mootummaa Ityoophiyaa Walga’ii Piroojektii “Laapseet” irratti hirmaachuuf Sudaan Kibbaa magaalaa Juubaa galuu ibsame.

Jilichi wayita buufata xiyyaaraa idil addunyaa Juubaa gahu Sudaan Kibbaatti Ambaasaaddara Ityoophiyaa Nabiil Mahaadiin simatameera.

Jilichi turtiisaan, walga’ii piroojektii “Laapseet“ Ityoophiyaa, Keeniyaafi Sudaan Kibbaa geejjibaan walitti hidhuuf kaayyeffate irratti kan hirmaatu ta’uu TOI gabaaseera.

Dabalataanis hoggantoota hojii mootummaa Sudaan Kibbaa waliin dhimmoota gam-lameefi naannawaarratti ni mari’atuun kan eegamu ta’uu eerameera.

Piroojektiin Laapseet bara faranjootaa 2012 waliigaltee mootummoota biyyoota sadeeniin gara hojiitti akka seenuuf murtoon darbuun kan yaadatamudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.