Jilli Abbaa Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoolaan durfamu sirna Baallii walitti kennuuf taasiifamu jiru irratti hirmaachuuf Booranaa jira
Finfinnee, Onkololeessa 27, 2017 (FBC) – Jilli Abbaa Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoolaan durfamu qophii Baallii walitti kennuuf Jila Odaa buluu Abbootii Gadaa Booranaan jilatamaa jiru irratti argamuuf Godina Booranaa jira.
Jilichi waayita Godina Booraanaa gahu Abbootii Gadaa Gabraa,Jaarsoliifi Bulchaa Godinichaan simannaan taasifameefira.
Tuulamni damee Booranaa kan ta’eefi guyyaa lamaaf gidduu gala qe’ee Tuulamaa irraa ka’uun qophii Baallii walitti kennuu hangafticha Booranaa 71ffaa Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoof jala bultii jila Odaa buluu geggeeffamaa jiru irratti hirmaachuuf jila isaanii qabatanii dhufuu Abbaan Gadaa Oromoo Tuulamaa Goobanaa Hoolaa himaniiru.
Abbaan Gadaa Tuulamaa Oromoon Booranaa jila qaba jechuun aadaa waliinii irratti argamuuf yeroo dhufanitti mijuun simatanii Jila Odaa Buluu Booranaa irratti waliin argamuuf qophaa’uu Abbaan Gadaa Oromoo Gabraa Maammoo Abdii beeksisan.
Hariiroo aadaa waliinii sababoota adda addaan adda citee ture yeroo jijjiiramaa kanatti sirna keenya ijaarrachaa jirrutti Oromoon Tuulamaa Dhikkoo Gadaa Saaqqoo Dhaddachaa coqorsi Finfinnee hiikkate tureefi muuda Gadaa Boruu Galmaa waggaa 115 badee ture deebi’uu kan isaan gammachiise ta’uu Maanguddoon Waaqoo Guyyoo dubbatan.
Oromoo Booranaa Aadaa isaa jabeeffatee hanga har’aatti Baallii waliif dabarsuuf jila Odaa geggeessaa jiraachuu Bulchaan Godina Booranaa Obbo Abdisalaam Waariyoo dubbachuu ragaan Kominikeeshinii godinicharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia