Fana: At a Speed of Life!

Jilli aadde Sa’aadaa Abdurrahamaaniin durfamu ayyaana Iid Alfaxir sababeeffachuun mana jireenyaa Artist Alii Birraa dhaqan

Finfinnee, Eebila 24, 2014 (FBC)-Af-Yaa’ii Caffee Oromiyaa aadde Sa’aadaa Abdurrahamaanii fi Hogganaan Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa Obbo Guyyoo Galgaloon, Ayyaana Iid Alfixri sababeeffachuun mana jireenya Dooktara Kabajaa Artisti Alii Birraa dhaquun dubbisaniiru.

Jililchaan itti aanaa Kantiibaa Magaalaa Bishooftuu obbo Abdusalaam Mohaammad, Hojii gaggeessaa Mana Qopheessaa magaalichaa obbo Gabree Dhaabii fi Itti Gaafatamaa Maallaqaa fi Waltahiinsa Diinagdee magaalichaa obbo Kennasaa Alamaayyoos argamaniiru.

Saganticharratti Obbo Abdudsalaam Mahammad, jaalalaa fi kabaja Dooktara Kabajaa Artisti Alii Birraaf qabnu agarsiisudhaan bakka kanatti dhufne jedhaniiru.

Umrii  dheeraa akka qabaatan hawwii qaban ibsuufi OBN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.