Fana: At a Speed of Life!

Jilli Aadde Sa’aadaa Abduramaan durfamu Magaalaa Baddeessaatti Jiddu Galaa Gabaa Jimaa hojjetamaa jiru daawwate

Finfinnee, Eebila 27, 2014 (FBC) – Jilli Af-Yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abduramaan durfamu Godina Harargee Lixaa Bulchiinsa Magaalaa Baddeessaatti Jiddu Galaa Gabaa Jimaa hojjetamaa jiru daawwateera.

Jiddu galli Gabaa Jimaa Baddeessaa Fulbaana bara 2013 hojiinsaa eegale.

Baatii 18 keessaatti hojjetamee xumurama jedhamee hojitti galamus, hanga har’aatti ijaarsarratti argama.

Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa Jiddu galaa Gabaa kana ofiif ijaaraa jiraachuu himuun, yeroo amma lafarratti kan muul’atu ykn hojiin fiizikaali %50 gahu Hogganaa Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa damee Bahaa, obbo Mahammad Amiin Aadam himaniiru.

Jiddu galli Gabaa Jimaa kun Birrii miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 34 oliin hojjetamaa jiraachuu itti gaafatamaan Waajjiira Daldala Godina Harargee Lixaa obbo Kadiir Amihad himan.

Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abduramaan,Mootummaan gaaffii hawaasa bu’uraa godhachuun, baajaata guddaa ramadee rakkoon gama kaniin jiru fala akka argatuuf, Jiddu Galaa Gabaa Jimaa ijaarsiisaa jiras jedhan.

Jiddugalli Gabaa Jimaa kun sababa adda addaatiin yeroo jedhameetti osoo hin xumuramiin harkifateera waan ta’eef, ammas rakkooleen gama kaniin turan hedduun furamiin waan jiraniif dafee akka xumuramuuf hordoffiin taasiifamaa jiraachuu himaniiru.

Jiddugalli kun wayita xumuramu rakkoolee gama gabaa jimaatiin jiran furuun hawaasa fayyadama taasiisa jenne abdanna jedhan.

Jilli kun Aanaa Gammachiisittis Mana Barumsaa Sadarka 2ffaa daree dabalataa hirmaannaa Ummataatiin hojjatamaa jirus daawwachuu OBN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.