Fana: At a Speed of Life!

Jilli Aadde Mufariyaat Kaamiiliin durfamu hoggansa Ministeera Dhimma Alaa Israa’eel waliin mari’ate

Finfinnee, Adoolessa 26, 2014 (FBC)- Jilli Ministira Ministeera Hojiifi Ogummaa Adde Mufariyaat Kaamiiliin durfamu Hogansa Ministeera Dhimma Alaa Israa’eel waliin mari’ateera.

Jilichi carraa hojii uumuufi innooveeshinii Israa’el irraa muuxannoo qooddachuuf guyyaa kaleessaa Israa’el kan gale yoo ta’u, qaamolee mootummaa biyyattii waliin mari’achuu eerameera.

Aadde Mufariyaat marii Ittaanaa Ministira Ministeera Dhimma Alaa Israa’eel Iidaan Rool waliin taasisaniin, hariiroon biyyoota lameenii damee maraan cimee akka itti fufuuf deeggarsi Israa’eel kan barbaachisu ta’uu ibsaniiru.

Iidaan gamasaaniin, walta’iinsa biyyoota lameenii daran guddisuuffi waliin hojjechuuf fedhii jiru ibsuun, sagantaan beekumsaafi muuxannoo waljijjiirraa kun hariiroo  biyyoota lameenii cimsuuf faayidaa olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Dabalataan jilichi hoggantoota Saayinsiifi Teeknooloojii Dhaabbata Deeggarsa Misoomaa Idil Addunyaa Israa’el waliin mari’ateera.

Jilichi hoggantoota biroo biyyattii waliin haala misooma innooveeshinii mijataa Ityoophiyaa keessatti uumuun danda’amurrattis mari’achuu ragaan Israa’eelitti  Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.