Fana: At a Speed of Life!

Jilli aadde Daagmaawiit Mogasiin durfamuu Sudaanitti hoggantoota baabura lafaa fi daandii qilleensaa waliin mari’tan

Finfinnee, Muddee 14, 2013 (FBC) – Jilli Ministirri Ministeera Geejjibaa aadde Daagmaawiit Mogasiin durfamu Sudaanitti hoggansa koorporeshinii Baabura lafaa fi daandii qilleensaa waliin mari’atan.

Tumsa Ityoophiyaa fi Sudaan caalmaatti cimsuuf daandii baaburaa diriirsuu, proojaktoota daandii fi damee geejjiba qilleensaa waloon hojjechuf marii taasiisaniiru.

Sadarkaa qorannoo bu’aa qabeessummaa ijaarsa daandii baaburaa Ityoo – Sudaan irratti argamuu fi madda Faayinaansii barbaaduuu ilaalchisee marii taasiisu isaanii ragaan Ministeera Geejjibaarraa argame ni muul’isa.

Qabiyyee buufata waloo,qulqullina daandii fi hojjicha raawwachiisuuf maallaqa barbaaduu irratti marii bu’aa qabeessa taasiisuu eerrameera.

Haala daandiin qilleensaa biyyoota lamaanii tumsaan hojjechuu danda’anii fi rakkoo qunnamuuf furmaata laachuu ilaalchisuu mari’ataniiru

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.