Fana: At a Speed of Life!

Jilli aadde Daagimaawitiin durfamu walga’ii ministirootaa idil addunyaa 3ffaa irratti hirmaate

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2012 (FBC)  – Jilli aadde Daagimaawitiin durfamu nageenya daandiirratti kan xiyyeeffate walga’ii ministirootaa idil addunyaa 3ffaa irratti hirmaate.

Jilli Ityoophiyaa Ministira Geejjibaa aadde Daagimaawit Mogasiin durfamu nageenya daandii irratti xiyyeeffachuun kan qophaa’e walga’ii ministirootaa idil addunyaa 3ffaa irratti hirmaate.

Nageenya daandii irratti kan xiyyeeffate walga’iin ministiroota idil addunyaa 3ffaa Swiidin Stookholmitti guyyaa sadiif gaggeeffameera.

Mata duree ‘ Bara Faranjoota 2030tti galteewwan idil addunyaa ni milkeessina” jedhuun kan gaggeeffame walga’i kanarratti biyyoota 140 irraa walitti kan baba’an hirmaattoonni 1700, ministiroota 80 ol akkasumaas damee dhuunfaa hedduu fi hoggantoonni dhaabbilee miti mootummaa fi mootummaa argamaniiru.

Jilli Ityoophiyaas turtii isaan waltajjii marii heddurratti hirmaachuu isaa Ministirri Geejjibaa aadde Daagimaawit Mogas beeksisaniiru.

Walga’ichaan cinaatti Ministira Ministeera Bu’uuraalee Misoomaa Swiidiin Toomaas Inaroozin dabalatee hoggantoota hojii fi ministiroota biyyoota gara garaa waliin hariiroo biyyoota lamaanii irratti mari’achuu ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.