Fana: At a Speed of Life!

Jilli aadde Caaltuu Saaniin durfamu magaalaa Asallaatti hojii bu’uraalee misoomaa daawwateera

Finfinnee, Sadaasa 9, 2013 (FBC) – Jilli itti aantuu Preezdaantii fi Qindeessituu Kilaastera magaalota Oromiyaa, aadde Caaltuu Saaniin durfamu magaalaa Asallaatti hojiilee bu’ura misoomaa fi kenninsa tajaajila waajjiraalee magaalichaa daawwateera.
Jilichi bu’uurallee misoomaa bulleeyyii fi haaraa magaalaa Asallaa dawwateera.
Magaalicha keessatti Bu’uuraaleen misoomaa gosa garagaraa 57 Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miilliyoona 10n hojetamaa jiraachuu ibsameera.
Bu’uuraaleen misoomaa kunneen hanga ammaatti hojiitti kan hin galle yoo ta’an, baatii lamaa booda tajaajilaa hawaasaaf banaa ni ta’u jedhameera.
Gama biroon tajaajilli kenniinsa seektaroota mootummaan hanqina qabaachuu jilli kun daawwannaa taasiiseen hubachuu aadde Caaltuun ibsaniiru.
Gammachuu Beekumaatu gabaase.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.