Jilli aadde Caaltuu Saaniin durfamu bulchiinsa magaalaa Baatuutti hojiilee misoomaa daawwachaa jira
Finfinnee, Sadaasa 14, 2013 (FBC) – Jilli aadde Caaltuu Saaniin durfamu bulchiinsa magaalaa Baatuutti hojiilee misoomaa daawwate.
Jilli Itti Aantuu Preezdaantii fi Qindeessituu kilaastera Magaalota Oromiyaa, aadde Caaltuu Saaniin durfamu bulchiinsa magaalaa Baatuutti hojiilee misoomaa daawwateera.
Projaktoota daawwataman keessaa ibsaa daandirraa magaalaa keessaa Birrii miiliyoona 12.9n hojjatamee fi mana barumsaa abbaa qabeenyaatiin Birrii miiliyoona 36 oliin ijaaramaa jiru kutaa dabalataa 20 qabu daawwataniiru.
Manni barumsichaa dafee ijaaramee gara hojiitti galuu akka qabu addee Caaltuun kallattii kennaniiru
Sheediiwwan Imx balbala 35 Biirrii miliyoona 6 oliin ijaaramees daawwatameera.
Daagimaawit Daksiisaatu gabaase.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa