Fana: At a Speed of Life!

Jilli Aadaa fi Aartii Biyyoota Afrikaa Bahaa Giddugala Aadaa Oromoo daawwatan

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2014 (FBC) – Jilli Aadaa fi Aartii Biyyoota Afrikaa Bahaa afur irraa dhufan Giddugala Aadaa Oromoo daawwataniiru.

Jilichi Yuugaandaa, Sudaan Kibbaa, Somaaliyaa fi Keenyaarraa kan dhufe ta’uu ibsameera.

Meeshaaleen nyaataa fi dhugaatii, Fayaaaleen, suuraawwanii fi meeshaaleen biroo Aadaa, Seenaa fi jiruu fi jireenya Uummata Oromoo mul’isan dawwatamaniiru.

Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turiizimii Oromiyaa aadde Sa’aadaa Usmaan, kaayyoon daawwannichaa hambaawwaan aadaa fi seenaa, jiruu fi jireenya uummata Oromoo beeksisuu fi walitti dhufeenya biyyootaa fi uummattootaa cimsuuf ta’uu himuu OBN gabaaseera.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.