Jijjiramaa as misooma qonnaaf xiyyeeffannoon olaanaan kennamee hojjetamaa jira-Obbo Geetuu Gamamachuu
Finfinnee, Amajjii 23, 2017 (FMC) –Jijjiramaa as mootummaan misooma qonnaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjechaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu ibsan.
Obbo Geetuu Gammachuun Turtii addaatti Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiin waliin taasisaniin, qonni lafee dugda diinagdee biyyaatti ta’uun himamus galteewwan barbaachisan dhiyeessuun hanqinoonni bal’aan akka ture yaadachiisan.
Jijjiramaan as inisheetiviiwwan garaagaraa bocuun misooma qonnaa ammayyeessuu fi babal’isuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Inisheetiviiwwan kanneen hojirra oolchuun, oomishaalee alaa galaa turan biyya keessatti oomishuu akka danda’ame himan.
Keessumaa oomishaa qamadiin jijjiramni qabataman mul’achuu eeruun, waggoottan darban qamadii jallisiin lafa hektaara kuma 7’rratti eegalame yeroo ammaa hektaara miliyoona 4’rratti oomishuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hanga ammaattis lafti heektarri miiliyoonni 3.2 oomishaan uwwiifamuu Obbo Geetuun himanii, kanarraas callaa kuntaala miiliyoona 100 fi miiliyoonni 63 kan eeggamu ta’uu kaasan.
Gama biraan, oomisha Ruuzii naannicha keessatti hin aadeeffamne yeroo amma lafa heektaara miiliyoona 1.5 olirratti oomishamaa jiraachuu fi kanarraas callaan kuntaalli miliyoonni 63 ol ni eegama jedhan.
Naannoo Oromiyaatti hojiileen misooma Inisheetivii Avokaadoo, Buna, Dammaa, Atara Bonsituu, Saalixii, Horii dhaabbii fi kanneen biroon hojjetamaa jiran bu’aa gaarii galmeessaa jiraachuu himaniiru.
Hojiilee qonna naannichaa keessatti gaggeeffamaniif tiraakteroonni kuma 10 dhiyaachuu kaasaniiru.
Kombaayinarronnii fi Paampiiwwaan bishaanii qonnaan bultoota bira qaqqabuu eeruun makkanaayizeeshiniin qonnaaf xiyyeeffannaan kennamuu ibsan.
Waggoottan darban Naannoo Oromiyaatti hojiin Ashaaraa magariisaan, hojii misooma Sululaa, Inisheetiviiwwan Baala Shaayee fi kanneen biroon hojjetamaa jiran kan jajjabeefamanii fi cimanii kan itti fufan ta’uu dubbataniiru.
Tsahaay Gulummaatiin.
#Oromia #Ethiopia