Fana: At a Speed of Life!

Jijjiirrama akka naannoo fi biyyaatti fiduuf yaadame milkeessuuf kutannoon ni hojjetama – Preezdaant Shimallis

Finfinnee, Bitootessa 12, 2014 (FBC) – Mootummaan naannoo Oromiyaa Imaammataa fi tarsiimoo badhaadhiinaa diriisuun jijjiirrama akka naannoo fi biyyaatti fiduuf yaadame mikleessuuf kutannoon kan hojjetu ta’uu Preezdaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisan ibsaniiru.
Preezdaant Shimallis yaa’ii idilee 2ffaa Waggaa 1ffaa marsaa 6ffaa Caffee Oromiyaa taa’amaa jiruun gaaffilee miseensota Caffeerraa ka’aniif deebii laataniiru.
Baatiwwan torban darban keessa qormaata hamaa akka Oromoo fi biyyaatti nu mudate yerootti injifanneedha jedhan.
Diina nu fakkaatee alaa fi keessaa nutti qindaa’ee morma nu cabsuuf ka’e qaanessineerra.
Har’as taanaan rakkoo kaleessa keessa baane hin caalu waan ta’eef haala keessa jiru olantummaan injifannee carraa biyya bulchuu seenaan Oromoo harka seenee ni ceesifna jedhan.
Hojiiwwan baatii torba keessa kallattii tajaajilaa,Misoomaa bu’uuraa fi komii hawaasaa sadarkaa sadarkaan jiran hiikuuf hojjatamaa turaniin bu’aa jajjabeessan argamuu kaasaniiru.
Miseensoonni caffee imaanaa ummanni itti laate milkeessuuf aarsaa barbaachisaa ta’e kanfaluuf qophii ta’uu akka qaban hubachiisaniiru.
Dhimma qaala’iinsa jireenyaa,Hongee, fi nageenya naannichaa yaaddeessaa ta’aa jiru qorannoo addaan furmaata waaraa laachuuf hojjetamaa jira jedhan.
Yaa’iin kun borus kan itti fufu yoo ta’u caffeen Oromiyaa wixineewwan fi dambiwwan raggaasisuu dabalatee muudama adda addaa raggaasisuun yaa’iisaa ni xumura jedhamee eegama.
Daagmaawii Deeksisaa fi Gammachiis Taarikuutu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.